Ethiopian News, Current Affairs and Opinion Forum
AbebeB
Member+
Posts: 7694
Joined: 15 Oct 2016, 10:31

@OMN: OPFist, yoo dhala Oromoo taate, kana dubbisi malee kayyoo yeroo isaa hinmadalleen Oromoo hin jeeqiin!

Post by AbebeB » 21 Oct 2019, 17:59

OPFist, yoo dhala Oromoo taate, kana dubbisi malee kayyoo yeroo isaa hinmadalleen Oromoo hin jeeqiin!

Oromooni akka OPFist yaadan yoo jiratanis of sirreesaa. Ya’aballo, Sadachaa kkf haa jabbaanu. Yeroon cincila garbummaa of irraa darbanu geese jirtii! Oromoon walii isaa malee fira birraa hin qabu. Dhiigaa fi lafee obbolaan kenyaa, hadhaa fi abbotii keenya irra yoo hejenee Waaqayyo fi senaan nu gafaata.

Qophii jiruu ilaalchisee ammaaf kan itti anee jiru kana dubisaa!

Wiixata 17/2/2012 tti hiriirri mirga keenyaaf falmachuu guutuu oromiyaa hirmaachise akka godhamu sagantaan qabamee jira. Bara baraan garbooffattota baannee ilmaan oromoo akka lukkuu faasigaa itti wareegaa Hin hafnu. Qabsoo keenyaan injifannee Rakkoo Garbummaa jalaa baana.

Ida'amuu /Toftaa oromiyaa ittiin diiguu/ Abiy jedhuun oromiyaa diigamee kaayyoo habashoota G-7 (EZEMA) jala gallee itti Hin bullu. Qeerroon oromoo Duunee lafa kana irraa dhumna malee qabsoon haarsaa jaallan itti wareegamaa baroota dheeraaf kaffalaa jiru utoo galma yaadame hin geenye karaatti hin gatamu.

Alagaa irraa bilisummaa dhugaa kadhaan kennama utoo hin taane qabsoo keenya itti fufnee yaroo dhumaaf Garbummaa oromiyaa keessaa hundeen buqqifnee imaanaa bilisummaa dhugaa Hayila M/Gammaddaa, G/ Taaddasaa Birtuu, G/Waaqqoo Gutuu fa'aa, Maccaa fi Tuulama fi ABO dabalatee Qeerroo oromoo tti darbe karaatti hin hafu. Qabsoo keenyaan galmaan ni geenya.

Ni obsine malee gaaffiin Qeerroo tokkollee hin deebine. Qabsoon keenyaas galma bilisummaa barbaannu bira hin geenye. Obsuun mootummaa garboofataa biratti tuffii ta'ee jira. Oromiyaan dirree waraanaa taatee jirti. Ummanni keenya nagaan mana isaa waliin guyyaa guyyaa tti gubachaa jira. Bara wayyaanee cala oromoon lafa irraa dhumaa jira. Hidhaa fi ajjechaan oromoo irraa hin dhaabbanne.

Karaa nagaan obsaan gaaffiin Qeerroo fi uummata keenyaa Opdo/ODPf dhiyeessaa ture karaa Dr.Abiy deebii tokko malee hundi isaa qilee seenee jira. Teenyee hin dhumnu waan dandeenyeen ni falmanna. Injifannoon Qabsoo Qeerroon Oromoof fide qabatamaan butamee jira. Kaayyoon Dr.Abiy ODP fi federalism balleessuun, Oromiyaa diiguun, partii siyaasaa haaraa EPP jedhu dhaabaa jira. Draftiin isaas qabsoo ilmaan oromoo waggoota 150 oliif dhiiga itti wareegaa turan hunda kan haqee diiguu dha.

Ethiopia tokkotti dullattii durii bara Minilik tti deebisuun oolaantummaa habashoota/Amaaraa harkatti haangoo galchuuf ifaan ifatti beeksisaniiru. Waadaan sobaa Oromoo ittiin goyyoomsaa turanis akka deebii hin qabne murteessaniiru. Qabsoo Qeerroo ammas mootummaa wayyaanee diige Opdo dullattii samtuu hundee hin qabne akka salphaatti diiguun ni danda'ama .Obsi nu gahe. Diddine. Oromiyaan kan Oromoo ti malee kan habashoota miti. Abbaan biyyaas oromoo dha.
Ajandoonni keenyaas kunooti....

1. Hidhamtoota siyaasaa Col. Gammachuu Ayyaanaa, Kaayyoo Fufaa fi Injiinar Daandii Garbooshee dabalatee maqaa ABO, KFO oromoota Walloo fi WBO deeggartuun hidhaa bakka garaa garaa keessatti dararamaa jiran hundi akka gadlakkifaman.
2. Command Post iin oromiyaa lixaa fi kibbaa keessaa haa bahu. Waldhibdeen WBO fi Mootummaan jidduu jiru haraara dhuguun haa hiikamu. Ajjeechaa fi hidhaan lammii keenya lixaa fi kibbaa irratti raawwatamaa jiru atattamaan haa dhaabbatu.

3. Kayyoon abjuu Master Pilaanii haaraa Dr Abiy umna waraanaan federalism diiguun fonqolcha /Coup d'état/ Oromiyaa diiguuf yaalameedha. Dr.Abiy waadaa gale nu ganeera. Dr.Abiy atattamaan haangoo haa gadlakkisu. Oromoos bakka hin bu'u.
4. Aggamiin jarmoolee siyaasaa Oromoo Oromiyaa keessa karaa nagaa akka hn sochoone ummata waliin akka walti hin dhufne godhamee fi Waajirooleen isaanii cufame akka banamu.
5. Road map G-7 hojii irra karaa Dr.Abiy oolaa jiru Oromiyaa irratti hin raawwatu.
6. ABO, KFO fi PBO abdii keenya, jarmayaa Oromoo
qabsaa'oota dhugaa ti. Shirri badaan isaan irratti gaggeeffamu haa dhaabbatu.
7. Gaaffii Qeerroo Opdon waadaa galame hundi guyyaan itti deebii argatu nuuf haa ibsamu.
8. Qabeenyi uummataa Teelee fi umni ibsaa dureesoota saamtotaa tti hin gurguramu. Oromoon iyyeessa. Bituu hin danda'u. Hin gurguramu.
9. Abjuun ida'amuun /Toftaan naannoolee ofiin of bulchan diiguu/ Dr .Abiy utoo Oromoo waliin hin ida'amiin habashoota G-7 fi yakkamtoota waliin ida'ame oromoon hin ilaalaatu. Oromiyaa irratti utoo lubbuun Qeerroo Oromiyaa jiru hin raawwatu. Inni qobaa isaa habashoota tti haa ida'amu.
10. Jijjiramni qabsoo haarsaa lubbuu ilmaan oromoo bara dheeraan kaffalameen argame butamee Habashoota tti hin gurguramu. Dura dhaabbanna.
11. Opdon cancer qabsoo Oromoo ti. Oromoo bakka hin buutu haa diigamtu.
Mootummaa EPRDF yakkamaa dha. Party Badhaadhinaa Habahsoota haaraan Abjuu Dr. Abiy dura ni dhaabbanna. OPDO tti hin bullu. Ce'umsa waadaa galte galmaan gahuu hin dandeenye.
12. Qaala'iinsi jireenyaa uummata keenyaa waadaa jiru atattamaan furmaanni haa kennamu fi Kkf...

Qeerroon keenya bakka jirutti of qopheessaa. Share waliif godhaa.
Qabsoo Qeerrroo karaatti hin gannu. Galmaan ni geenya.
Injifannoo qabsoo Qeerroo butamee habashoota jala galee jiru qabsoo keenyaan ni deebfanna!!
Didne Dr .Abiy Haangoo haa gadlakkisu!!
Didne OPDO/ODP gantuu dha!! Haa diigamtu!!
Down Down Opdo/ODP!!
Down Down Dr. Abiy!!